ELEMOO QILXUU
(1936-1974 A.L.I)
Dinagdee jechaa ba’u
Callaan kee gumbii hin ga’u
Inaaffaan amma tulluu
Maqaa yakkaa ittiin tuulu
Kaayyoon gootaa hin maqne
Hin maqus gonkuma
Xuxxuqaan alagaa
Xiiqii itti hora jabaa
Fardatu rimeessa malee
Gaangeen rimeessa miti
Dararri iccitii lammii
Ija gootaa mul’attii
Osoon jechuu dhiisee
Onneetu na raafama
Waanan jedheeefan qaba
Qubeetti ija naaf qabaa
Elemoo Qilxuuti
Ka’umsaaf hundee gootaa
Goota Harargeen deesse
Isa diinatti mutaa
Amantiidhaan barate
Elemoon barate
Garuu hojii isaatu
Dhaabe fuullee hayyootaa
Gaafa daldalaa ta’ee
Edenitti jalqaba
Daldalee buusuuf malee
Dhimma siyaasaa hin qabu
Ofumaaf xuxxuqaniiofamatti kaasaanii
Yakka malee shakkanii
Hidhamuun Elemoo
Ittuu itti ta’e gufuu
Miila irratti kute
Warra shiraan gugguufu
Isa alaafi keessaa
Walitti qindeessee
Adda bilisummaa Oromoo
Shakkii malee hundeessee
Jaarraa Abbaa Gadaa
Geggeessaa taasisee
Bakka hundattuu gootichi
Mudoo maalii qabaa Hundeessaa maqaa
Abbaa murtoo goobaa
Qunnamsiisaa Oromootaa
Isa keessaa fi alaa
Hiiksisuuf gale daggala
Hidhaa saba sakaallaa
Elemoon jira yoomuu
Baraanuu hin dhabamuu
Bobeesset bobeessise
Abiddi isaa hin dhaamuu
Maaliifiin gaaffiidha?
Ela deebii isaa
Adda billisummaa Oromoo
Kan hundeessetu isa
Addi billisummaashiraan
Yoo hin jiraatiin immoo
Qoree gogee jiidhetuu
Nu waraana akka lilmoo
Kanaafuu hin dhabamu
Kaayyof ka’umsi Elemoo
Bita bitaatti qabee
Isa keessaafi alaa
Hiiksisuuf gala daggala
Hidhaa saba sakaallaa
Elemoon jira yoomuu
Baraanuu hin dhabamu
Bobeesseet bobeessise
Abiddi isaa hin dhaamu
Maaliifiin gaffiidha?
Ela deebii isaa
Adda billisummaa Oromoo
Kan hundessetu isaa
Addi billisummaa oromoo
Kan hundeessetu isa
Addi billisummaa Oromoo
Yoo hin jiraatiin immoo
Qoree gogee jiidhetuu
Nu warana akka lilmoo
Kanafuu hin dhabamu
Maaliifiin gaaffiidha?
Ela deebii isaa
Adda bilisummaa Oromoo
Kan hundeessetu isa
Addi billisummaa shiraan
Yoo hin jiraatiin immoo
Qoree gogee jiidhetuu
Nu waraana akka lilmoo
Kanaafuu hin dhabamu
Kaayyoof ka’umsi Elemoo
Bita bitatti qabee
Mirga mirgatti qabee
Gara tokkotti sassaabee
Isa yaadaan halaame
Karoora Elemoo Qilxuun
Kaayyoon diinaa jaamee
Ati Elemoo ta’i
Anis Elemoo ta’a
Yaanni Elemoon haqa
Saba kanaaf ni ta’a
Diina dawoo godhattee
Kan lafa Oromoo saamtu
Ajjeesaa ture Elemoon
Kan akka mulaatuu
‘’Diinaaf hin booji’amu’’
Jedhe Elemoon hunda argee
Ofitti dhukaaseet
Ofumaaf of wareege
Maali goonni akkanaa
Gonni ilaalcha mirree
Mirga diinni argattu
Ofirrattii xumuree kaayyoonsaa nurra jira
Bara baraan marmaaree
